Baakteiraya gaarraachaa

Dhukkuba Garaachaa ~~~~~~~~```````~~~~~~~``````~~~~~~~~ Gosoota Dhukkuba Garaachaa Acute gastritis:- kan akka tasaa nama eegalu Chronic gastritis:-kan mallatoo yeroo dheeraaf agarsiisudha. ~~~~~~~~~``````~~~~~~~~````~~~~~~~ Sababoota Dhukkuba Garaachaa ~~~~~~~~``````~~~~~~~~~````~~~~~~~~ £).Baakteeriyaa 'Helicobacter pylori' kan jedhamu £).Qoricha dhukkubbi hir'isuuf kennamu(pain killer) keessumatuu gosa 'NSAID' kan ta'an kan akka...'Ibuprofen,Asprin,Diclofenac' baay'inaan fayyadamuu. £).Qoricha akka ‘kookeenii’,'cocaine'fudhachuu. £).Alkoolii baay'isuu £).Tamboo xuuxuu £).Dhukkuba cimaa namni qabuu fi namni balaa abiddaa irra gahe 'stress reaction' £).Nyaata summaa'e soorachuu £).Nama rakkoo Hadhooftuu qabu (Bile reflux) £).Nama dhukkuba HIV qabu £).Infeekshinii:vaayirasii maxxantuu garaachaa(parasites)fi fangasiiwwan tokko tokko. £).Rakkoo sirna ittisa qaamaa/Autoimmune disorders/ £).Dhiphachuu:-dhiphachuun asiidiin garaachaa garmalee akka dabalu taasisa. Mallattoolee dhukkuba garaachaa ~~~~~~~~~```````~~~~~~~~````~~~~~~~ £).Fedhii nyaataa dhabuu £).Garaan bokokuu £).Booliin sardamsiisuu ykn booliin(bobbaan) gara bifa gurrachaatti jijjiiramuu £).Deeffuu £).Dhukkubbii garaa garaa darbee darbee ykn walitti aansuun akka waan gubaa ykn muraa nama dhukkubuu. £).Gubaa laphee £).Balaqqamsiisaa/haqqee £).Foolii nyaataa nama jibbisiisuu £).Hirqiffuu/Hirqifachiisuu Dhukkuba garaachaa ittisuuf ~~~~~~~~```````~~~~~~~```````~~~~~~~ £).Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn dhugaatii hir’isuu £).Tamboo/sigaaraa xuxuu dhiisuu £).Buna garmalee baay'istanii hin dhuginaa(yaadadhaa bunni faayidaa qaba yoo baay'isuu baanne) £).Qorichoota akka 'Ibuprofen,Aspirin,diclofenac' hin baay'isinaa £).Hin dhiphatinaa...rakkoo jiruuf furmaata barbaadaa malee £).Nyaata coomaa fi zaayitiin itti baay’ate hir’isuu £).Nyaata daabboo,paastaa fi sukkaaraa hir'isaa £).Nyaata kuduraa fi muduraa sirritti sooradhaa- £).Qullubbii diimaa fi adii, timaatimii,baaqelaa, raafuu(spinach) £).Qurxummii sooradhaa £).Bishaan guyyatti hanga kubbaayyaa 6-8 dhugaa £).Damma nyaadhaa...warri dhukkubicha qabdan ganama ganama garaa duwwaatti fallaana 2-3 osoo nyaattanii madaa garaachaa fayyisuuf ga'ee qaba. £).Sochii qaamaa guyyaatti daqiiqa.30 torbanitti guyyaa 5niif hojjachuun waa hundaaf gaariidha. £).Cuunfaa Jinjibilaa(ginger) dammaan walitti makanii dhuguun garaachi madaa'e akka fayyu gargaara. £).Muuzii yeroo yerootti soorachuun madaa garaachaa fayyisuuf ni gargaara. Furtuu FayyaaFayyaa by Dr Takke Baakteriyaa Garaachaa (H. pylori) Baakteriyaan garaachaa Helicobacter pylori jedhamu uummata addunyaa harka %50 ol keessatti ni argama. Namni baakteriyaan kun keessa jiru yeroo baay’ee mallattoo hin agarsiisu. Garuu namoota muraasa keessatti: Qunqa’uu garaachaa, Madaa garaachaa, fi Kaansarii garaachaa fiduuf saaxilamummaa ni qaba. Baakteriyaan kun haguugduu garaachaa miidhuun garaachi akka asiidii garaachaa irratti balaa argatu gochuu danda’a; kun immoo dhukkuba garaachaa garaagaraa uuma. --- Mallattoo Infeekshinii H. pylori Namoonni baay’een mallattoo hin mul’isan. Garuu namoota miidhaan irra gahe keessatti mallattooleen armaan gadii ni mul’atu: Gubaa garaa (qara laphee jalaa ni guba) Fedhii nyaataa dhabuu Nyaata xiqqoo nyaachuun quufuu Gara bokoksuu Ol-deebisuu (reflux) Garaa nama wacuu Ulfaatina qaamaa hir’achuu --- Akkamitti Namatti Haaqu? (Akkaataa daddarbaa) Baakteriyaan kun karaa armaan gadii nama qunnamti: 1. Bishaan qulqullina hin qabne dhuguun 2. Nyaata hin bilchaane ykn qulqulluu hin taane nyaachuun 3. Dhungoo ykn harka qulqulluu hin taane waliin wal-qunnamuun 4. Waliigalatti nyaata fi dhugaatii qulqullina hin qabne waliin wal-irraa dabra --- Yaalii fi Furmaata Namoonni mallattoo qabaniif qorichaaf daawwachuun barbaachisaadha. Yaaliin baay’een qoricha farra-baakteeriyaa fi qoricha asiidii hir’isu waliin walitti makuun raawwatama. 1. Qoricha Farra-Baakteriyaa (Antibiotics) Amoxicillin Clarithromycin Metronidazole 2. Qoricha Asiidii Hir’isu (PPI) Omeprazole Pantoprazole 3. H2 Blocker Cimetidine Ranitidine 4. Qoricha Haguugduu Garaachaa Dabalu (Bismuth) Bismuth subsalicylate --- Tartiiba Yaalii 14 Guyyaa Fudhatamu ➤ Amoxicillin + Rifabutin + PPI (Omeprazole) — Guyyaa 14 ➤ Clarithromycin + Amoxicillin/Metronidazole + PPI — Guyyaa 14 --- Of-eeggannoo barbaachisu Qoricha NSAIDs (ibuprofen, diclofenac kkf) yeroo ofii hin fudhatin — ogeessa fayyaa gaafadhu Alkoolii dhuguu dhiisi Sigaaraa aarsuu dhaabi — kunaan madaan garaachaa hin fayyuu By Dr Takke

Comments